Aaanaan kuni moggaasa Kanaan kan waamamuu jalqabe bara mootummaa DARGII ijaarsa sirna aanotaafi godinoota yeoo sanii keessatti yoo tahu kutaa bulchinsa shawaa Kaaba “awraajjaa” Yifaatifi Dhummuugaa aanaa Efreraataafi Jiillee” jedhamu keessatti akka tahe seenan barruulee adda addaa fi afaaniffaan jiru ni mirkaneessa.
Aanaa jiillee dhummuugaa maqaa amma ittiin waamamu jiillee dhummuugaa kobaatti mataa of dandahee kan argate bara bara 1986 A.L.I. xumura irratti aanaa efraataa jiille jedhamurraa adda bahee mataa of dandahee yeroo dhaabbateedha. Magaalaan guddoon aanichaas magaalaa sanbatee taatee hundoofte. Bara 1987 gaafa godinni bulchinsa saba Oromoo mataa of dandahee dhaabbatu immoo aanaa arxummaa fursii ture waliin walitti makamuun aanaa arxummaa jiillee jedhamuun hamma bara 1993tti waliin turan.
Bara 1993 xumura irratti aanaa arxummaa jiillee irraa fottoquun akka haaraatti mataa of dandahee maqaa har’aa jiillee dhummuugaa jedhu kana argatee dhaabbate.
Amantaa fi afaan
Aanicha keessatti %95 afaan Oromoo %5 afaan amaaraa kan dubbatamu yoo tahu ummata aanicha keessaa jiraatan keessaa %99 amantaa isilaamaa fi %1 amantaa adda addaa kan hordofan akka tahe ragaalee ni mul’isu.