Seera Abbaa Ormaa
Inni jalqabaa seera Jallaa jedhamuun kan beekamu yoo tahu seera tunmamee lafa jiruufi argaafi dhageettidhaan jiru kan barreeffamee jiraachuu dhabus tokkoon tokkoon sammuu umatichaa keessatti dhaloota dhlootatti darbaa dhufe yoo tahu inni lammataa immoo Buuda jedhamuun beekama. Buunni yaakawwan adda addaa kan argaafi dhageettii ummatichaa keessatti hin beekamnee yoo uumaman kan ittiin hooggamuudha. Fkn. Yeroo namni tokko yakka tokko dalage manguddoonni walwaamanii gadi taa’anii mee waliin jedhu. Mee jechuun wanni gale kuni kana dura argamee beekkaa yoo hin argamne tahes dhagahamee beekaa jechuudha. Yakki suni naannoo kanatti ykn iddoo birottis haatahuu hojjatamee jira taanan haaluma gaafa sana iiti raawwatameen xumurama. Kuni jallaadha jechuudha.
Yeroo manguddoonni gadi taa’anii walgaafat waan yakka Kanaan walfakkaatu argameetis dhagahameetis hin beeku taanan yaaki kuni buuda jedhamee waamama. Baasa ykn dur-hin jirree jechuudha. Murtiin isarratti kennamus murti addaati. Gamta ijjiti agartee hin beekne adabbii tokko gamta gurri dhagahee hin beekne yakka tokko akkasumas yakka waan dalageef adabbii tokko walumatti adabbii gosa sadiitu itti murtaawa jechuudha. Buunni yeroo itti aanutti jallaa taha.