Aanaan jiillee kan argamtu naannoo amaaraa bulchinsa godina saba Oromoo keessatti gama kaabaatiin aanaa arxummaa fursee,gama kibbaatiin aanaa qawatii fi bulchinsa m/shawaa Roobitiin, gama dhihaatiin aanaa Efraataa Gidimiifi aanaa qawatiin gama bahaatiin aanolee naannoo affaar aanaa haddala eelaa fi aanaa sammuu roobitiin daangeffamee kan argamu yoo tahu magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee irraa gama kaabatti km. 265 fagaatee daandii guddaa gara magaalaa Dasee deemu irratti argama. Magaalaa guddoo naannoo Bahirdaar irraa gama bahaatin km. 765 fagaatee kan argamu yoo tahu magaalaa guddoo teessoo godinaa taate magaalaa kamisee irraa gara kibbaatti km.63 fagaatee argama.
Haala qilleensaa fi teessuma lafaa
Haalli qilleensaa aanichaa %97 gammoojjii yoo tahu %3 immoo badda-dareedha. Hoo’ina qilleensaa yeroo ilaallu gad-aanaan 0c.24 olaanaan 0c33 dha. Hammi baay’ina roobaa aanichi waggaatti argatu ml. 2000---ml2600tti akka tahe ragaaleen haala qilleensa aanichaa ni mul’isu. Yeroon roobaatiis arfaasaa fi ganna yoo tahu yeroon gannaa waxabajjii hanga fulbanaatti kan turuufi yeroon arfaasaa immoo gurraan-dhalaa hanga eblatti kan turuudha. Olkaa’iinsi lafni aanicha sirrii galaanaa irraa qabu m500—700 akka tahe tilmaama. Bal’inni haguuggii lafa aanichaa hek 88,256 yoo tahu haalli teessuma lafaa hek.31,052 hallayyaa fi hek. 57,204 lafa diriidha. Kana keessaa hek. 12,000 qotiisaaf kan oolu yoo tahu 25,280 bosonaan haguuggamee argama.
Baay’ina ummataafi haala jireenyaa
Akkaataa ragaan istaatiksii biyyaa bara 1997 lakkofsa ummataa geggeeffame ibsu irratti hundaawudhaan baay’inni ummanni aanichaa har’a irra gahe yeroo ilaallu dhi 65873 dub 67479 id=133,352 jedhamee tilmaamama.