Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Jilee Taamugaa Weebsaayitii haaraa ammayyaa eegalsiise
--------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
Wiixata: Hagayya 07/2018 AD (Jile Tamuga Communication) Kominikeeshiniin Aanaa Jilee Taamugaa har’a hojiiwwan misoomaa, nagaa fi bulchiinsa gaarii godinicha keessatti gaggeeffamaa jiran haala qindaa’een ummata biraan ga’uuf marsariitii ammayyaa haaraa eegalsiiseera. Bakka ogeeyyiin waajjiraalee fi hojjettoonni waajjirichaa argamanitti gaggeeffameera. Hogganaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Jilee Tamugaa Atoo Amiin Alii sagantaa eebbaa kanarratti haasaa baniinsaa taasisaniin, "Odeeffannoo ummataa mirkaneessuuf filannoowwan teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun barbaachisaa dha" jedhan. Kanaaf hojiiwwan misoomaa, nagaa fi bulchiinsa gaarii godinicha keessatti gaggeeffamaa jiran kallattii hedduudhaan hawaasa bira akka ga’uuf hojiiwwan miidiyaa dijitaalaa eegalaman cimsinee itti fufna jedhaniiru. Itti gaafatamaan kutaa siyaasaa paartii badhaadhinaa aanichaa obbo Kebir Hasan sirna kanarratti haasawa taasisaniin waajjirri komunikeeshinii Jilee Tamugaa ummataaf odeeffannoo wayitaawaa kennuu fi hojii hariiroo hawaasaa cimaa hojjechuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhan. Waa’ee caasaa teeknikaa fi qabiyyee marsariitichaa ibsa kan kennan misoomsaan marsariitichaa obbo Nuruu Ahmad, weebsaayitiin kun odeeffannoowwan akka duubbee seenaa godinichaa, gatiiwwan aadaa, hawwata turizimii, barnoota, fayyaa fi qonnaa kan of keessatti hammate ta’uu ibsaniiru. Kana malees Obbo Nuuruun dhimmoota misooma, nagaa fi bulchiinsa gaarii godinichaa irratti odeeffannoo hawaasa irraa walitti qabuu fi xiinxaluun akka gaggeeffamuu danda’uuf qophaa’uu isaa ibsaniiru. Hirmaattonni sagantichaa akka jedhanitti, hojiirra oolmaan marsariitii komunikeeshinii godinichaa addunyaa dijitaalaa waliin of haaromsaa jiraachuu agarsiisa. Weebsaayitiin kun har'a irraa eegalee sirnaan eegalamuun isaa ni beekama.👇http://www.jillecommunication.gov.et/