๐๐ฎ๐ฅ๐๐ก๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐ ๐๐จ๐๐ข๐ง๐ ๐๐๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐๐ง๐๐ ๐๐๐๐ญ๐๐ ๐๐๐ง๐๐ ๐๐๐๐ซ๐ข๐ซ๐จ๐จ๐ญ๐ญ๐ข; Marii Dhimma Nageenyaa fi Misoomaa irratti xiyyeeffate hawaasa bal'aa waliin mariin gadi fageenyaan guyyaa har'aa mari'atamee jira.
Marii kana irratti I/G/ Paartii Badhaadhinaa Godina Saba Oromoo Obbo Ahimad Husseen, I/G/ Qajeelcha Magaalaafi Bu'uuralee Misoomaa Obbo Sayid Mohammad, Bulchaan Aanaa Baatee Obboo Sayid Ahmad, Bulchaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Aliyyi Sayid, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee Obbo Nuraddin Ahimad, Bulchaa Aanaa Dawaa Caffaa Obbo Mahammad Geetaachew dabalatee kutaalee hawaasaa abbootiin amantaa, maanguddoonni, dargaggoonni fi dubartoonni bakka argamanitti sagantichi adeemsifamee jira.
I/G/ Paartii Badhaadhinaa Godina Saba Oromoo Obbo Ahimad Huseen akka jedhanitti; Nageenya Naannoo keessaan Eeggachuun Hattuu fi Farreen Nageenyaa waan qaanessitaniif Ambasaddara Nageenyaa ti erga jedhanii, Hojiwwan hanga yoonatti hojjechaa turtan cimsachuun hojiwwan gara fuula duratti hojjetamuuf raayyaa nageenyaan qindooftanii Nageenya fi Misoomaa Naannoo keessanii itti fufsiisuudhaan jabattanii hojjechuu qabdu garee finxaaleeyyii shanee kun kan hawaasa Oromoo fi saba kamuu bakka hin buune ta'uu hubannee, garee saamtuu fi shororkeessituu hawaasa keenya gidirsaa jirtuus akkuma barame hawaasni Aanaa tokkummaa isaatiin akka ofirraa qolatee nageenya waaraa hawaasichaa buusan abdii guddaa isinirraa qabna jechuun dubbatanii jiru.
Bulchaan Aanaa Baatee Obboo Sayid Ahmad hawaasni hundi bakka jirutti Waardiyyaa Nageenyaa ta'ee hojjechuu qaba jechuun,eeranii,akkasumaas Nageenyaa fiduu keessatti ga'een qaamoolee hawaasaa murteessaa waan ta'eef qaamoolee nageenyaa kabachiisuuf isin gidduu Jiran waliin wal taatanii hojii nageenyaa fi misoomaa milkeessuu qabdu jechuun dubbataniiru.
Hirmaatootni Marichaa ,nageenya Ganda keenyaa fi Aanaa Keenyaa mootummaa cinaa dhaabbannee mirkaneessina jechuun ibsaniiru.