Aanaa Jilee Tamugaa keessatti re'oonni hormaataa 800 bitamanii dubartoota miidhamaniif geejjibsiisuun gareewwan qusannaa gandaatiin gurmaa'uun beeksifameera.
-------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
Wiixata: Hagayya 10/2018 AD (Komunikeeshinii Jiilee Taamugaa) Waajjirri dhimma dubartoota, daa’immanii, dargaggootaa fi hawaasummaa Aanaa Jilee Tamugaa 3R-4-CACEP Component 2 waliin ta’uun dubartoota kebelelee baadiyyaa adda addaatiin miidhamaniif re’oota horsiisaa 800 bitachuu fi gareewwan qusannaa gandaatiin gurmaa’e xumuree jira. Leenjifamtoonni damee leenjii fudhatan irratti hojiitti hiikuufi fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf jecha dubartoota 100 ta’aniif leenjii ijaarsa dandeettii gama horsiisa re’ee fi hoolaa kennuudhaan pirojektichi duraanuu Kolleejjii Pooliteeknikii Atayeetti gaggeeffamaa akka ture waajjirichi ibseera. Kana keessatti waajjirri faayinaansii godinaa, waajjirri misooma qabeenya beeyladaa fi qurxummii, waajjirri komii ummataa, waajjirri dhimma dubartoota, dargaggootaa fi hawaasummaa, ogeeyyiin Beeyladaa Kolleejjii Pooliteeknikii Atayee, dura taa’oonni Kebelee fi qooda fudhattoonni adeemsa bittaa haala iftoomina qabuun xumuruun fayyadamtootaaf dabarsaniiru. Akka kanaan; Re'oota: Gareen Qusannoo Ganda Dubartootaa Abdii Booruu Duula Kebeletti Re'ee 153, Gareen Qusannaa Ganda Dubartoota Gudetuu Yaatuu Merer Kebeletti Re'ee 154, Gareen Qusannoo Ganda Dubartoota Salam Were Lencha Kebeletti Re'ee 171 Simataniiru. 95,000 tokkoon tokkoon dubartiif ramadame, walumaa galatti re'ee 800. Re'oonni bitamanii fayyadamtootaaf ifatti dabarfamaniiru. Hoggantuun Waajjira Dhimma Dubartoota, Daa’immanii, Dargaggootaa fi Hawaasummaa Aanaa Jilee Tamugaa Aadde Faatumaa Siid walharkaa fuudhinsa kana irratti argamuun dubartoonni diinagdeedhaan bilisa akka ta’an waggoota muraasa darban keessatti hojiiwwan bu’a qabeessa hedduu hojjachuu isaanii ibsaniiru. Koolugaltummaa keessaa bahanii jireenya ofii fi maatii isaanii bu’a qabeessa ta’een jijjiiruuf bu’uura guddaa akka ta’u eeruun hojii jalqaban cimsanii akka itti fufan ibsaniiru. Qindeessaan piroojektii 3R-4-CACE Ato Syed Ali gama isaaniitiin bittaa re’ee haala guutummaatti iftoomina qabuu fi fedhii dubartootaa irratti xiyyeeffate qooda fudhattoota waliin ta’uun xumuramuu ibsaniiru. Jijjiirama diinagdee horsiisa irraa eegamu akka fidaniif qindoomina ogeeyyii waliin ta’uun hojiin deeggarsaafi hordoffii cimaan ni hojjetama jedhaniiru. Dhumarratti pirojektiin 3R-CACE Component 2 dubartoonni hojii galii argamsiisan irratti bobba’anii jireenya isaanii fooyyessuu akka danda’aniif walumaa galatti birrii miiliyoona 9 fi kuma 500 akka baasu beekamaadha.