5ffaan Waltajjii Guddina Ijaarsa Magaalota Itoophiyaa Magaalaa Kamiseetti Geggeeffamuufi
Magaalaa Kemiseetti waltajjii guddina ijaarsa magaalota Itoophiyaa 5ffaa irratti hirmaachuuf hoggantoota olaanoo federaalaa dhufaniif simannaan taassifameera.
Waltajjii guddaa boru (Adooleessa 14) geggeeffamu kana irratti Ministirri Guddina Magaalaa DDAFI Aaddee Caaltuu Saanii fi hoggantoonni olaanoo federaalaa biroo ni hirmaatu.
Keessummoota waltajjii kanaaf Finfinneerraa dhufan simachuuf Bulchaa Olaanaan Bulchiinsa Saba Oromoo Obbo Ahmeed Alii, hoggantoonni olaanoo godina fi aanaa, Abbootii Gadaa, haadholiin, dargaggooniis akkasumas jiraattonni naannichaa Dirree Xiyyaaraa Kombolchaatti qaamaan argamuun kabaja hawaasichaa fi aadaa keessummaa simannaa agarsiisuun simannaa oo'aa taasisaniiruufi.
Ministirri Guddina Magaalaa DDAFI Aaddee Caaltuu Saanii fi hoggantoonni olaanoo federaalaa biroo aanaa dawaa caffaa ganda Haroo Baaqelloo keessatti kan argamu Masgiiida Xurusiinaa Hariimaa daawwataniiru.