Ejjannoo qulqullina Ganna kanaan Bulchiinsa Aana jiille dhumuuga magaalaa Baxxee keessatti kan argamu buufata fayyaa magaalaa Baxxee irratti Qulqullina naannoo eegudhaaf kan ture Haala bareedaa fi Hawwataan guyyaa har'aa gaggeefamee jira.
itti gaafataman waajjira fayyaa Aana jiille dhummuga Obbo Ahmad umar fi gaggesitoota waajjiraa dabalatee itti gaafatamaan Buufata fayya magaalaa Baxxee obbo Ali Adamii fi hojjattota buufata fayya dabalatee - Milishoonni guyya har'aa leenjii xumuranii Eebbaf gahanii fi gaggeesitoonni magaalaa Baxxee irratti hirmaatanii jiru.
Qulqulinni guyyaa har'aa keessoo buufata fayyaa fi magaalaa Baxxee bakka barbaachisaa tahe hundatti qulqulleefamaa ture.
Hojjatoonni Buufata fayyaa magaalaa Baxxee Hojii tola olttummaa ganna kanaan magaalaa qulqulleessaa oolan.
Magaalaa qulqullu fi hawwattuu taate arguun jaallatuun yaada nama hundaati qulqullina naannoo fi magaalaa keenyaa Eegun gahee hunda keenyati.