Ganda Allaalaatti Sagantaan Eebbaa fi beekamtii ganda udaan dirreerratti hagurraa bilisa (ODF) tahee adeemsifame
Adoolessa 7, 2018 (Koominikeeshinii Jiillee)
W/F/A/J/Dhummuugaa Ganda Allaalaatti Hojiilee Qulqullina Dhuunfaa fi Naannoo Gandichatti Hojjatamaa Turaniin Sagantaa Eebbaa fi Beekamtii Ganda Udaan Direerratti Hagurraa Bilisa (ODF) Ta'ee guyyaa har'aa bakka itti gaafatamtuu paartii badhaadhinaa damee gurmaa'inaa Aaddee Aminaa Aliyyii fi itti aantuu itti gaafatamtuu Waajjira Fayyaa Aaddee Afraah Sayid bakka argamanitti adeemsifamee jira.
Aaddee Aminaat hawaasaa fi caasaalee gandichaa sagantaa eebbaa kanarratti argamaniif ergaa dabarsaniin " Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeggachuudhan fayyaa keenya eeggachuu qabna" ergaa jedhu dubbachuun "Ummanni keenya mana fincaanii ijaarrachuu qofa osoo hin taanee manneen fincaanitti sirnaan itti faayyadamuudhan dhukkuboota daddarboo irraa of eeguu qaba ergaa jedhu dabarsanii jiru.
Aaddee Afraahnis ergaa ummata gandichaatif dabarsaniin ummanni gandichaa hojii boonsaa akkanaa hojjachuu isaanitin fayyaa isaanitii fi maatii isaanii eeguu madditti fayyaa ollaa isaanii eeguu keessattillee gahee olaanaa qaba jedhaniiru.