Marii Karoora Tarsiimoo Nageenya Waloo Ijaaruu fi Wabii Nageenyaa Mirkaneessuu Aanota Ollaa Affaar Waliin Gaggeeffame
Marii Karoora Tarsiimoo Nageenya Waloo Ijaaruu fi Wabii Nageenyaa Mirkaneessuu Aanaa Jiillee Dhummuugaa fi Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee, akkasumas obboloota Affaar Aanaalee Hadale’elaa fi Sammuu-Roobii waliin, guyyaa har’aa Magaalaa Sanbateetti gaggeeffame.
Sagantichaas Bulchaa Olaanaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Aliyyi Sayid yoo ta’an, haasaa baniinsaa taasisaniin; Nageenyi bu’uura jireenya hawaasaa, misoomaa fi waliin jireenya uummattootaa ta’uu, akkasumas nageenya waaraa mirkaneessuuf qindoominaa fi itti gaafatamummaa waliinii cimsuun murteessaa ta’uu irratti xiyyeeffatan.
Keessattuu, naannolee walitti dhihoo ta’an keessatti rakkoolee nageenyaa uumamuu danda’an yeroo isaa eeggatee adda baasuun, marii fi waliigalteen furuun, odeeffannoo waljijjiiruu fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuun nageenya waaraa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu ibsan. Akkasumas, nageenyi hojii qaama tokko qofaa osoo hin taane, hawaasa, mootummaa, hoggantoota, jaarsolii biyyaa fi dargaggoota dabalatee hirmaannaa fi itti gaafatamummaa waliinii kan gaafatu ta’uu hubachiisan.
Itti aansuun, sanada ka’umsa mariichaa I/G Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Kabiir Hasaniin dhiyaate. Sanadichi haala nageenyaa, rakkoolee nageenyaaf gufuu ta’an, barbaachisummaa qindoominaa fi tarsiimoo nageenya waloo itti fufiinsaan ijaaruuf barbaachisan irratti kan xiyyeeffate tu'uus eeraniiru.
Waltajjicha I/G Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Godina Saba Oromoo Injinar Jamaal Alii fi I/G Paartii Badhaadhinaa Godina Zoon 5 (Hariiraasuu) Obbo Hasan Muusaa dursanitti kan gaggeeffame yoo ta’u, hirmaattonni waltajjichaa haala nageenyaa, waliin jireenya hawaasaa, qindoomina qaamolee gara garaa fi rakkoolee nageenyaa karaa waaraa ta’een furuuf kallattiiwwan gara fuulduraa irratti marii bal’aa gaggeessaniiru.
Marii kana keessatti, nageenyi daangaa ykn naannoo tokko qofaan daangeffamee kan ilaalamu osoo hin taane, nageenya waloo fi itti gaafatamummaa waliinii ta’uu irratti hubannoon cimaan uumameera. Kanaaf, Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee fi obboloota Affaar Aanaalee Hadale’elaa fi Sammuu-Roobii gidduu jiru caalaatti cimsuun, odeeffannoo waljijjiiruu, rakkoo uumamuuf jiru dursee adda baasuu fi karaa marii fi araaraan furmaata waaraa kennuun barbaachisaa ta’uu irratti xiyyeeffatameera.
Yaada goolabaa waltajjichaa keessattis, nageenya waaraa mirkaneessuuf qindoomina qaamolee nageenyaa qofa osoo hin taane, hirmaannaa fi tumsa hawaasaa cimsuun, walhubannaa fi obbolummaa uummattootaa dagaagsuun, akkasumas rakkoolee karaa marii fi waliigalteen furuun kallattii ijoo ta’uu irratti hubannoo waliinii irra ga’ameera.
Walumaagalatti, nageenyi bu’uura misoomaa fi jireenya tasgabbaa’aa waan ta’eef, nageenya waloo ijaaruun hojii yeroo tokkoo osoo hin taane itti gaafatamummaa itti fufiinsa qabuudha. Kanaaf, qaamoleen hirmaatan hundi qindoomina isaanii cimsuun, nageenya waaraa naannichaa mirkaneessuu fi misooma itti fufiinsa qabuuf haala mijataa uumuu irratti waliin hojjechuun murteessaa ta'uu hubachiisuun kallattii waloo raawwannaa hojii itti aanuu kaa'amuun sagantichi goolabameera.