Mariin seenaa, barbaachisummaa, fayyadamummaa carraa waloo qabaachuun biyya ijaaruudha- Muummee Ministiraa Abiy Ahimad (Dr)
Sagantaa baniinsa marii biyyaalessaa irratti muummicha ministiraa Abiy Ahimad (Dr.) dabalatee hoggantoonni olaanoo biroofi bakka buutonni dhaabbilee idil-addunyaa argamaniiru.
Muummichi ministiraa Abiy Ahimad (Dr) haasaa sirna baniinsaa irratti taasisaniin yaa'ichi salphaatti kan irra hin deebi'amne adeemsa isaan bu'aa guddaa kan argamsiisu ta'uu eeraniiru.
Mariin seenaa, barbaachisummaa, fayyadamummaa carraa waloo qabaachuun biyya ijaaruudha jedhaniiru.
Rakkoon hunduu furmaata ofkeessaa qabaachuu kan kaasan muummichi ministiraa, rakkoolee hedduu dabarsineerra haata'u malee, qormaatilee mariidhaan carraatti yoo jijjiirre ijoolleen keenya badhaadhinaafi haalaa jireenyaa nurra fooyyee qabu ni qabaatu jedhaniiru. marii biyyaalessaa Daar: Adoolessa 08/2018