Waajjira Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Buufata Fayyaa Baxxeetti Gamaaggamaa Raawwii Hojii Bara Baajata 2018 Kan Ji'a 12 Guyyaa Kaleessaa Haala Hoo'aa Ta'een Geggeeffameera.
Sgantichi Daarektara Buufata Fayyaa Baxxee Kan Tahan Obbo Ali Adam Aliitin Haasaa Baniinsatiin Ergaa Jalqabamee Booda Ogeessa Qindeessaa Ragaa fi Karooraa Buufata Fayya Baxxee Kan Tahan Obbo Maasree Taaddasaatin Gabaasni Ji'a 12 Kan Bara 2018 Akkasumaas Gabaasni Ji'a Waxabajjii ti fi Gabaasni Kurmaana 4ffaa Bifa Armaan Gaditti Tarreeffameen Walduraa Duuban Ergaa Dhihaatee Booda Gabaasicharratti Qooda Fudhattootaa Waliin Mariin Gabaabdun Geeggeeffamuudhaan Sagantichi Goolabameera.
Walumaa Galatti Oolmaa Guyyaanichaa Gabaasonni Dhihaatan Kan Asii Gaditti Tarreeffaman Kana Fakkaatu. 👉Tajaajila Fayyaa Haadholii 👉Tajaajila Fayyaa Daa'immanii 👉 Tajaajila Dhiheessii Qorichaa 👉 Tajaajila Yaala Dhukkuba Sonbaa 👉Qorannoo kaansarii Fiixee Gadaamessaa 👉 Yaala Dhukkuba HIV 👉 Qorannoo Dhukkuba Sukkaaraa Fi Dhiibbaa Dhiigaa 👉 Ittisaa Fi Too'annoo Dhukkuba Busaa 👉 Yaala Dhibee Ijaa (Tracoma) 👉Qorannoo Wabii Fayyaa 👉Sagantaa Ceehumsa Aanaa 👉 Sagantaa WASH FIT፤ 👉 Sagantaa Qulqullina Ragaa CHIS & eCHIS :-
Sagantaa Kana Irratti Kan Argaman Waajjira Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaatti Ogeessa Ittisa Busaatiifi Akkasumaas Kilaastara Baxxetti Qindeessaa Fi Deeggaraa Kan Turan Obbo Jamaal Ali Hasanii fi Abbaa Adeemsa Hojii Loojistikii Waajjira Faayyaa Kan Tahan Aadde Baanchii Abbabee Bakka Argamanitti Akkasumaas Oggeessonni Eekiteeshinii Fayyaa Kilastara Baxxee Ti fi Ogeessonni Buufata Fayyaa Baxxee Bakka Argamanitti Sagantichi Haala Si'ataa Fi Hawwataa Ta'een Geggeeffameera Dhumarratti Sagantaa Marii Kan Geggeessan Daarektara Buufatichaa Kan Ta'an Obbo Ali Adamii fi Deeggaraa fi Qindeessaa Kilaastarichaa Kan Tahan Obbo Jamaal Ali Hasaniin (Afurootin) Kallattiin Gara Fuulduraa Kaahamuudhan Sagantichi Goolabameera.
Ragaan Buufata Fayyaa Baxxeerraa Kan Argameedha Adoolessa, 7/2018 A L I