Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee badhaasa beekamtii argate!
Bulchiinsa Godina Saba Oromoo gamaggamaa raawwii hojii paartii fi siyaasaa bara baajataa 2018 gaggeeffame irratti, Waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee, bulchiinsota magaalaa gidduutti sadarkaa 2ffaa bahuun waraqaa beekamtii badhaafameera.
Beekamtiin kun hojiiwwan bara baajatichatti ijaarsa paartii, hogganaa siyaasaa, gurmaa’insa miseensotaa, hirmaannaa uummataa fi ergamoota paartii garaa garaa irratti bu’a qabeessa ta’ee raawwatameef kan kenname dha.
Bu’aan argame kun kan hogganoota paartichaa, miseensotaa, deggartootaa fi qaamolee paartichaa wajjin qindoominaan hojjetan hundaa carraaqqii waloo ta’uu isaa boonuun ibsina jedhaniiru.
Fuuldurattiis milkaa’ina argame kana ka’umsa godhachuun kaayyoo paartii keenyaa amanamummaa, qulqullinaa fi bu’a qabeessummaan galmaan ga’uuf caalaatti kan hojjennu ta’a jechuun hoogganaan paartii bulchiinsa magaalichaa dubbataniiru.