Manni Maree Aanaa Jilee Taamugaa waltajjii raawwii hojii bara baajataa 2018 gamaaggamuu fi karoora bara 2019 beeksisuu gaggeessee jira.
---------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------- -
Wiixata: Ngume 02/2018 (Komunikeeshinii Jiilee Taamugaa) Manni Maree Aanaa Jilee Taamugaa waltajjii raawwii karoora bara 2018 fi karoora bara 2019 qooda fudhattoota waliin gamaaggamuun gaggeessee jira. Sedomen raawwii karoora mootummaa bara 2018 ciminaa fi hanqina isaa waliin bal'inaan dhiheessee jira. Akka gabaasa kanaatti af-yaa'iin aanaa Jilee Tamugaa Aadde Aminaat Muhee fi itti aanaan af-yaa'ii mana marichaa obbo Amee Tayaar walta'iinsaan waltajjii gamaaggamaa kana hooggananiiru. Ergamni kun bu’a qabeessa ta’ee kan raawwatamuu danda’u sirni hordoffii fi madaallii cimaan yoo diriire qofa ta’uu eeraniiru, kanaaf fayyadamummaa ummataa waliigalaa mirkaneessuuf tumsi fi kutannoon qooda fudhattoota hundaa qindoominaan murteessaa ta’uu ibsaniiru. Hojii ijaarsa sirna dimokraatawaa cimsuu qabna jedhaniiru. Waltajjii gamaaggama kanarratti Af-yaa’oonni Kebelee fi qooda fudhattoonni argamanii gabaasa kanarratti mari’achuun bu’aa jajjabeessaan bara bajataa keessatti galmaa’e jiraachuu eeraniiru. Kanaafuu, gara fuulduraatti bara 2019tti hojiiwwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessan haala ergamaa fi mul’ata mana marichaa wajjin walsimuun xiyyeeffachuu akka qaban ibsaniiru. Dhumarrattis, Af-yaa’ota Kebelelee, Koreewwan Dhaabbii Mana Maree Aanaalee fi Ogeessota Waajjira Raawwii hojii isaaniitiin bu’aa fooyya’aa bara 2018 galmeessisaniif beekamtii fi jajjabina kennuun waltajjicha xumurameera.