Ergaa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ***********************************
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) sirna baniinsaa marii biyyaalessaa seenaa qabeessa irratti argamuu isaanii guddaa kan isaan boonse ta’uu himan.
Yaa'iin hirmaattota kuma 4 walitti qabe kun, Itoophiyaan seenaa haaraa mataa ishee akka barreessituuf "qalamaa fi kan irratti barreessan" argachuu ishee agarsiisa jedhan.
Siyaasa Itoophiyaa keessatti aadaa walitti bu’iinsaa fi humnaa jiru cabsuudhaan, karaa marii fi nagaa bakka buusuuf boqonnaa murteessaa irra gahamuu isaas eeran.
Adeemsa kanaaf gumaacha godhameef Komishinii Marii Biyyaalessaatiif galata dhiheessaniiru.
Itoophiyaadhaf mari'achuun bu'aa guddaa akka fidus himan.
Marii kanaan nagaa, dhiifamaa fi waliin jireenya facaasuun biyya gidduu seentumma alaa irraa eeguun ni danda'ama jedhan.
Hirmaattonni bu'aa Itoophiyaaf gaarii ta'ee fi Afrikaaf barumsa ta'u akka galmeessisan waamicha dhiheessaniiru.