"Balaa weerara alaa fi balaa finxaaleyyii keessoo duubatti deebisuudhaan nagaa fi misooma itti fufiinsa qabu ni mirkaneessina!" Qeerroo fi dubartoota waliin mariin gaggeeffameera
-------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
Wiixata: Hagayya 16/2018 (Kominikeeshinii Jiilee Taamugaa)
Aanaa Jilee Tamugaatti "Sodaa weerara alaa fi finxaaleyyii keessoo duubatti deebisuudhaan nagaa fi misooma waaraa ni mirkaneessina!" Waltajjiin marii har’a gaggeeffamee dargaggoonni fi dubartoonni kebelelee adda addaa irraa dhufan waltajjii marii kana irratti hirmaatan, itti gaafatamtuun kutaa gurmaa’ina paartii badhaadhinaa Aanaa Jilee Tamugaa Aadde Amina Alii haasaa baniinsaa taasisaniiru. Finxaaleyyii akka yaadataniifi akka falman waamicha dhiyeessaniiru. Barreeffamni baniinsaa waltajjichaa kan dhiheessan Aadde Haliimaa Arboo bakka bu'aan kutaa dubartootaa godinichaa yoo ta'u, sanada ishee keessatti diinonni alaa fi humnoonni finxaaleyyii keessoo waliin ta'uun imala nagaa, tokkummaa fi misoomaa biyyattii gufachiisuuf hojjechaa jiraachuu isaanii bal'inaan qorataniiru. Tokkummaa biyyattii irratti gufuulee fi balaawwan tokkummaa ummataa, qabsoo waloo fi kutannoo biyyaalessaa cimaan irra aanuun akka danda’amu cimsanii dubbataniiru. Hirmaattonni kunneen abbaa biyyummaa biyyaa tiksuuf, bu'aa misoomaa galma ga'e eeguu fi haala nagaa cimsuuf mootummaa fi ummata cinaa dhaabbachuun itti gaafatamummaa isaanii bu'a qabeessa ta'een akka ba'an ibsaniiru. Itti gaafatamtuun waajjira dhimma dubartoota, daa'immanii fi dargaggootaa aanichaa Aadde Faatumaa Siyid fi itti gaafatamaan damee dargaggoota aanichaa dargaggeessa Omar Aadam waliin ta'uun hooggananiiru.