Hojjettoota waajjira seektarichaa waliin mariin gaggeeffameera
---------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------- -
Wiixata: Hagayya 18/2018 AD (Jile Tamuga Communication) Aanaa Jile Tamugaatti "Sodaa weerara alaa fi finxaaleyyii keessoo duubatti deebisuudhaan nagaa fi misooma waaraa ni mirkaneessina!" Mata duree jedhuun hojjettoota waajjiraalee damee adda addaa waliin mariin gaggeeffameera. Mariin kun hojjattoota waajjira seektarichaa damee diinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsa gaariitti ramaduudhaan kan gaggeeffame ta’uu ibsameera. Waltajjiiwwan kanarratti hogganaan waajjira damee Paartii Badhaadhinaa aanaa Jilee Taamugaa Obbo Alii Mohaammad fi hoggantuun kutaa gurmaa'insa paartichaa Aadde Aminaat Alii haasaa baniinsaa taasisaniiru. Obbo Alii Mohaammad haasaa baniinsaa taasisaniin. Nagaa fi nageenyi naannoo itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf maddi balaa alaa fi keessoo sirnaan hubatamee waliin qolachuu qaba. Aadde Aminaat Alii gama isaaniitiin tokkummaa ummataa cimsuun imala jijjiiramaa finxaaleyyii faallaa nagaa fi misoomaa ta’e qolachuudhaan eegale itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Hojjettoonni seektarichaa misoomaa fi bulchiinsa gaarii keessatti adda duree ta’uun ummata garaa qulqulluun tajaajiluu akka qaban cimsitee dubbatteetti. Itti gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Tamugaa Ahmad Umer fi Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Abdella Muusaa barreeffama ka'umsa marii kanaa dhiyeessan. Itti gaafatamummaa biyyaalessaa duubatti deebisuudhaan raawwatamuu akka qabu ibsameera. Barreeffama baniinsaa irratti hundaa’uun mariin bal’aan kan gaggeeffame yoo ta’u, balaa weeraraa fi finxaaleyyii qolachuuf ga’ee keenya bahachuu fi haala biyyoolessaa yeroo ammaa dhugoomsuudhaan nagaa naannichaa eeguuf qophii ta’uu ibsaniiru. Dhumarratti, balaa alaa fi balaa finxaaleyyii keessoo biyyattiin yeroo ammaa mudachaa jirtu duubatti deebisuuf, dandeettii ittisaa cimaa jiraachuu biyyattii kabaju ijaaruu, tokkummaa ummataa cimsuu, tokkummaa keessoo cimsuu. Mariin kun kallattii kaa’uu fi hubannoo waloo irra gahuun ololli warra gara jabeeyyii manca’aa jiru beekamtii argachuu fi ofirraa ittisuu akkasumas nagaa fi tasgabbii eeguu irratti adda duree ta’uun xumurame.