"Kora Nagaa fi Da'waa" aanaalee ollaa gidduutti gaggeeffameera
-----------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
Wiixata: Adoolessa 09/2018 AD (Jile Tamuga Communication) Walitti dhufeenya hawaasummaa fi nagaa kebelelee ollaa aanaa Jile Tamugaa fi Hadelela gidduu jiru cimsuuf konfiraansiin nagaa fi Da'waa magaalaa Adeleelaatti geggeeffameera. Gamtaa itti fufiinsa qabu cimsuu akka ta’e ibsameera. Rakkoon naannoo daangaa aanaalee ollaa keessatti uumamuu malu marii fi waliigaltee dhiyeenyaatiin furmaata argachuu akka qabus akeekkachiifameera. Guyyaa kana marii fi Da'waan gaggeeffamee nagaa, obbolummaa, wal amantaa fi tokkummaa hawaasa lamaan gidduu jiru daran cimsuuf hubannoon waloo uumameera. Gidduu kana konfiraansiin nagaa fi da'awaa walfakkaataan kebelelee daangaa jiran biroo keessattis nagaa fi tokkummaa naannoo sanaa mirkaneessuuf ni gaggeeffama jedhameera. Xumura sagantichaa irratti Bulchaan Olaanaa Aanaa Jilee Tamugaa Obbo Alii Saayid, Bulchaan Aanaa Hadelela Obbo Abdu Lookee, Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamaa (Majlisa) Naannoo Affaar duraanii Sheek Muusaa Mohaammad Umar dabalatee ulamaa'onni beekamoo biroo, qindeessitoonni Da'waa, abbootiin amantaa, jaarsoliin, abbootiin amantaa fi dargaggoonni akka hirmaatan ni beekama.