Guyyaa Oomishtummaa Qaammee 1 fi Waljijjiirraa Muuxannoo Misooma Muuzii
Aanaa Jiillee Dhummuugaa, Ganda Maruwwaa Haadaaree, Gooxii Hadaree, Dirree Kaahimaa keessatti, Guyyaa Oomishtummaa Qaammee 1 sababeeffachuun sagantaan waljijjiirraa muuxannoo misooma muuzii fi kuduraa, gaggeeffame.
Sagantaan kun deeggarsa Sagantaa HortiLife tiin lafa qonnaan bulaa adda duree irratti, misooma muuzii fi kuduraa akka Mana Barumsaa Dirree Qonnaa tajaajilutti qophaa’e irratti gaggeeffame.
Hirmaattota sagantichaa keessaa gaggeessitoonni Aanaa fi Ganda, ogeeyyiin qonnaa akkasumas qonnaan bultoonni argamuun, muuxannoo hojii irra oolmaa misooma muuzii, fayyadama teknooloojiiwwan qonnaa fooyya’oo fi mala omishtummaa guddisuu irratti muuxannoo waljijjiiraniiru.
Sagantaan kun qonnaan bultoonni lafa xiqqaa irraa bu’aa dinagdee fooyya’aa argachuu, omishtummaa guddisuu fi madda galii isaanii babal’isuuf carraa fi mala hojii qabatamaa akka hubatan gumaacha guddaa taasiseera.
Muuxannoo gaarii argame gara gandoota biroo babal’isuu, misooma kilaastaraa muuzii fi fuduraa cimsuu, akkasumas deeggarsa teeknikaa fi hordoffii itti fufiinsa qabu jabeessuun kallattii fuulduraa ta’a.
“Kaleessa irraa haa barannu, har’a haa hojjennu, boru haa ijaarru!”
🌾 “Itoophiyaan Haa Oomishtuu!” 🇪🇹