"Itoophiyaan Jala Bultii Injifannoo Guddaa Irra Jirti" Muummee Ministiraa Abiy Ahimad (Dr)
Muummeen ministiraa Abiy Ahimad (Dr.) waltajjii marii biyyaalessaa seena qabeessaafi guddaa guyyaa boruu jalqabu ilaalchisee waamicha dhiheessaniiru.
Muummichi ministiraa ergaa dabarsaniin waltajjiin kun waltajjii siyaasaa mudaa hin qabne qofa osoo hin taane, seenaa keessatti boqonnaa haaraa hireefi abdii egeree dhaloota dhufu murteessu ta’uu ibsaniiru.
Ergaa ijoo:- 👉 “Akkuma kaleessa abbootiin keenya Adwaatti bilisummaa, abbaa biyyummaaf kabaja biyyaaf akkuma wareegaman Itoophiyaan har’as ijoollee ishee of kennaniifi waadaa seenaa baatanii deeman barbaaddi.” jedhaniiru.
👉Fedhii qabsaa'ota nagaa:- har’a biyyi keenya wanti barbaaddu humna qawwee osoo hin taane, qabsaa'ota nagaa yaada bilchaataa, dhugaa, beekumsaafi cimina hidhatanii akka ta’e eeraniiru.
👉Fardis dirreenis kunooti:- nageenya waaraa, tasgabbiifi badhaadhina hundagaleessaa biyyaaf tattaafiifi guddummaa Itoophiyaaf kanneen dhimmaman hundi waltajjii marii kanarratti dammaqinaan akka hirmaattan waamichi dhihaateera jedhaniiru. Xumura irratti, “waliin dubbii qaroomaan marii karaa nagaan qormaata nu mudate hunda irra aanuun gara badhaadhinaatti waliin tarkaanfanna!” jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.
# Daar: Adoolessa 06/2018