Kilaastara Garbiitti sirni Eebba milishaa marsaa 4ffaa haala bareedaa ta'een geggeeffame.!!!
Adoolessa 06/2018 Sanbatse
Kilaastara Garbiitti sirni eebba milishaa marsaa 4ffaa haala bareedaa taheen bakka keessummootni adda addaa argamanitti geggeeffamee jira. Sagantichi faaruu Alaabaa Itiyoophiyaatii fi eebba manguddootaan eegalee haasaa baniinsaa I/A/I/G/Waajjira Nageenyaa Obbo Alii Hasuu fi Pa/B/Da/A/Jiillee Dhummuugaatti I/G/damee gurmaa'inaa Adde Aminaa Aliyyiitin taasifamee jira, itti aansun marii paanaalii fi agarsiisa dirree akkasumas xumura irratti qaamolee milkii leenjii kanaaf shoora ol'aanaa bahataniif beekkamtii fi kennaa kennuun sagantichi goolabamee jira.