Magaalota Investimentii, Daldalaa fi Tuuriizimiif Mijataa Gochuun Cimee Itti Fufa
Itoophiyaa keessatti magaalota investimentii, daldalaa fi tuuriizimiif mijataa gochuuf hojiiwwan hojjetaman ciamanii akka itti fufan Ministeerri Magaalaa fi Misoosa Bu'uuraa Aadde Caaltuu Saanii ibsan.
Dhaabbanni Preesii Itoophiyaa magaalaa Kamiseetti mata duree "Misoosa Kooridoorii Magaalota Itoophiyaa" jedhuun waltajjii marii "Waa'ee Itoophiyaa" jedhamu qopheessee gaggeessaa jira.
Kabajamoo Aadde Caaltuu Saanii yeroo kana akka ibsanitti, guddina saffisaa magaalotaa fiduun badhaadhina waligalaa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamaa jira.
Guddina hawaasummaafi diinagdee magaalotaa saffisiisuuf ijaarsa misoosa bu'uuraa, tajaajila saffisaafi gaafatamummaa qabu kennuu irratti hundaa'amee hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Keessattuu misooma kooridoorii, tajaajila wiirtuu tokkoo Masob, diijitaalaizeeshinii fi hojiirra oolmaa "Smart City"n magaalota investimentii, tuuriizimii fi daldalaaf filatamaa gochuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan.
Kunis dargaggootaaf carraa hojii uumuu, dabarsa beekumsaa fi muuxannoo argachuun guddina Itoophiyaa bu'uura amansiisaa irratti dhaabuuf kan dandeessisu ta'uu hubachiisaniiru.
Magaalota keessatti sadarkaa jireenyaa gadi-aanaa irratti kan argaman uummata yaadatti galchuun rakkoo manaa salphisuuf hojiin ijaarsa manaa mootummaan, waldaalee fi abbootii qabeanyaan eegalame cimee itti fufa jedhaniiru. Kunis kaka'umsa fi abdiin guddaan akka uumamu gochuu bira darbee badhaadhina waligalaa mirkaneessuuf kan gargaaru waan ta'eef hojiirra oolmaa isaatiif qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Naannoo Amaaraatti Bulchaan Ol-aanaa Bulchiinsa Godina Saba Oromoo Obbo Ahmed Alii gama ibsaniitti, magaalota Godinicha keessatti argaman misooma kooridoorii fi misoomawwan bu'uuraa birootiin fayyadamoo gochuuf hojiin hojjetamaa jira jedhaniiru.
Kunis hoggansi uummata waliin qindoomina hojii dhiyeenyaan akka cimsu gochuu bira darbee nagaya Godinichaa eegsisuu irratti jijjiirama fiduu isaa eeraanii jiru.
Waltajjiiwwan Dhaabbanni Preesii Itoophiyaa eagale magaalota kakaasuu bira darbee nagaya waaraa, misoomaa fi tokkummaa biyyaa irratti mari'achuuf haala mijataa kan uume ta'uus ibsaniiru.
Mariichaa irratti hoggantoonni Federaalaa, Naannoo,Godinaa fi Magaalaa, Abbootii Gadaa, Abbootii Amantaa, Jaarsoliin Biyyaa fi qooda fudhattoonni biroos hirmaachaa jiru.