Waajirri Fayyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa qorannoo raawwii Bara 2018 fi orrenteeshiinii karoora bara 2019 adeemsise
Adoolessa 9, 2018 (Koominikeeshinii Jiillee)
Waajjirri fayyaa aanaa Jiillee Dhummuugaa qorannoo raawwii hojiiwwan bara 2018 keessa hojjatamaa turanii fi orreenteeshiinii karoora bara 2019 bakka itti aantun waajjirichaa Aaddee Afrah Sayid argamanitti guyyaa har'aa gaggeesaee jira.
Qorannoo fi orreenteeshinichis kutaa karooraa waajjirichaa kan tahan obbo Wandasan Waldyasin yoommuu dhihaatu, ogeessoota waajjirichaa waliigalaa fi hooggantootaa fi ogeessoota buufataalee fayyaa arfan irraa walitti babahanii waliin mariin guyyaa guutuu adeemsifamee jira.