Buufatni Fayyaa Beete raawwii hojii ji'oota 12 bara bajataa 2018 gaggeesse
-----------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
Wiixata: July 08/2018 (Kominikeeshinii Jiilee Taamugaa)
Aanaa Jilee Tamugaatti buufata fayyaa Beete raawwii hojii ji'oota 12 fi madaallii kurmaana 4ffaa kilaastara bara baajataa 2018 guyyaa har'aa gaggeessee jira. Itti gaafatamaan buufata fayyaa obbo Alii Adam gabaasa raawwii hojii ji'oota 12 hirmaattootaaf dhiyeessan. Akkuma hogganaan gabaasa isaa keessatti ibse bara baajataa 2018 keessatti hojiiwwan jajjabeessaa, keessumaa fayyaa haadholii fi daa’immanii, ittisaa fi to’annoo dhukkuba busaa, fi raawwii inshuraansii fayyaa irratti. Hojjetamuu isaas ibseera. Itti dabaluunis bara baajataa keessatti hojiiwwan raawwii gadi aanaa qaban madaaluun jijjiirama fiduun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Gabaasa kana keessatti raawwiin tajaajila fayyaa haadholii fi daa’immanii, kenniinsa loojistikii, wal’aansa dhukkuba tiruu, qorannoo kaansarii gadameessaa, ittisaa fi wal’aansa HIV, qorannoo dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuba sukkaaraa dhiyaateera. Gabaasni raawwii hojii dhiyaatee mariin waloo gaggeeffameera. Obbo Jamaal Hassan Gareen Dhimma Dhimma Busaa Ittisaa fi Deebii Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Jilee Tamugaa gamasaaniitiin bara bajataa kana keessatti hojiin deeggarsaafi hordoffii kilaasterichi raawwate jajjabeessaa ta’uu eeraniiru. Kanaafuu bara baajataa itti aanutti jijjiirrama fooyya’aa fiduuf murannoon hojjachuu qabna, naannoowwan hojii qaawwi raawwii hojii itti mul’atu waliin adda baasuun furmaata kaa’uu qabna. Obbo Jamaal hojjettoonni buufata fayyaa dhaamaniiru. Gama isaaniitiin gabaasa raawwii hojii dhiyaate irratti mari’achuudhaan cimina qaban ibsuun hojiiwwan bara baajataa keessatti raawwii gadi aanaa agarsiisan yeroo gabaabaa keessatti fooyyessuuf waadaa galaniiru. Gamaaggamni raawwii hojii bara 2018 erga xumuramee booda karoora bara bajataa 2019 dhaabbatichaa irratti mari'atamee, karooricha bal'inaan madaaluuf hanga July 15, 2018tti marii waloo gaggeeffamee, qophaa'ee dhiyaachuu akka qabu irratti waliigalameera. Xumura irrattis hojjattoonni buufata fayyaa fi ogeeyyiin ekisteenshinii fayyaa kilaastara, itti gaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa aanaa Jilee Tamugaa Ato Jamaal Hassan fi qondaalli waajjira Aadde Banihan Abebe dabalatee waltajjii madaallii kana irratti hirmaachuu isaanii ni beekama.