Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii bara 2018 fi duula galmee barattootaa bara 2019 Aanaa Jilee Tamugaatti gaggeeffameera Waajjirri barnootaa Aanaa Jilee Tamgaa gamaaggama raawwii hojii bara 2018 fi waltajjii duula galmee barattootaa bara 2019 gaggeeffame. Waltajjicharratti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Aanaa Jilee Tamugaa Obbo Kabiir Hasan fi Waajjira Barnootaa Aanaa Jilee Tamugaa Obbo Birhaanuu Jebesaa ergaa simannaa fi haasawa baniinsaa taasisaniiru. Itti aansuun gabaasa raawwii hojii waliigalaa Waajjira Barnootaa Hogganaa Garee Sirna Barnootaa obbo Juhaar Ahmadiin kan dhiyaate yoo ta'u, hirmaattonni gabaasa kana irratti hundaa'uun marii bal'aa gaggeessaniiru. Gabaasni raawwii hojii bara 2018 hojiilee barnootaa ijoo bara keessatti raawwataman, bu’aa argame, rakkoolee fi qaawwa mul’atan bal’inaan dhiheessee jira. Keessattuu, bara 2018 qormaata gaggeeffameen kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaan bu’aa olaanaa galmeessisuu isaanii gabaasa kana keessatti eerameera.Kun kan agarsiisu dameen barnootaa aanichaa gama bu’aa barattootaatiin ga’umsa fooyya’aa agarsiisuu isaa, bara 2018 ammoo damee barnootaatiin bara milkii ta’uun ibsameera. Marii kanaan milkaa’ina bara 2018 argame daran cimsuu, qaawwa adda baafame sirreessuu, qulqullina barnootaa fooyyessuu fi hojiiwwan gara fuula duraa haala qindoominaa fi bu’aa irratti xiyyeeffateen raawwachuuf kallattiin kaa’ameera. Kana galmaan ga’uufis xiyyeeffannoon barattoota yeroon mana barumsaatti galmeessuun, warraa fi hawaasa hirmaachisuun galmee barattootaa babal’isuu, akkasumas barattoonni barnoota malee akka hin hafneef qindoominaan hojjechuudha.
Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii bara 2018 fi duula galmee barattootaa bara 2019 Aanaa Jilee Tamugaatti gaggeeffameera.