"Magaalota keenya wiirtuu badhaadhinaa gochuuf xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjetamaa jira."
— Obbo Ahimad Alii (Bulchaa Ol'aanaa Bulchiinsa Saba Oromoo)
Manni Maree Bulchiinsa Saba Oromoon Yaa'ii Idilee 28ffaa Marsaa 5ffaa isaa geggeessuu jalqabeera.
Yaa'ii kanarratti Bulchaan Olaanaa Bulchiinsa Sabiinsa Oromoo Obbo Ahimad Alii, bara bajataa xumurame keessa karoora ceumsaa waggaa 25 karoorsuun, hojiiwwan misoomaa hedduun raawwatamuu fi milkaa'ina gurguddaan galmeeffamuu ibsaniiru.
Gabaasa yaa'icharratti dhimmoota xiyyeeffannoon irratti kenname: ➲Misooma fi Bu'uraalee Misoomaa: Gaaffiwwan bu'uraa hawaasaa kanneen akka bishaanii, ibsaa fi daandii deebii akka argatan ta'eera. Akkasumas, baasii Birrii miiliyoona 393n pirojektiin jallisii lafa hektaara 233 misoomsu ijaaramaa jira. ➲Nagaa fi Nageenya: Hojii waloo aanaalee ollaa waliin hojjetameefi qabsoo ummataatiin nageenyi mirkanaa'eera. Hidhattootni carraa nagaatti fayyadamanii gara nagaatti akka deebi'an gochuun nageenyi naannichaa akka deebi'u taasifameera.
➲ Qonnaa fi Omishtummaa: Qonnan bultoonni misooma kuduraa fi muduraa irratti bobba'anii gargaarsa eeggachuu irraa gara omishtummaatti akka ce'an hojiin jijjiiramaa bal'aan hojjetamaa jira.